Obbo Warqinaa Badhaanee Dachaasaa Gudar, Amboo keessatti abbaa isaanii Obbo Badhaanee Dachaasaa fi haadha isaanii aadde Sabooqee Gulaa irraa bara 1960tti dhalate.
Obbo Warqinaan angafoota dhiiraa sadii fi obbolaa durbaa afur gidduutti ilma arfaffaa ture. Barumsa isaa ilaalchisee, kutaa tokkoffaa magaalaa Gudaritti kan jiru mana barumsaa Baashaa Abbooyyeetti bara1964 – 1971tti barate.
Kutaa lammaffaa mana baruumsaa Amboo 1972tii – 1974tti barachaa otuu jiruu ture labsiin duula ‘Guddina waliigaltee (Idiget behibret) yeroo labsame sagantaa kana kessatti qooda fudhate.
Achii barumsatti deebi’ee 1977tii – 1979tti kutaa lammaffaa Ambotti xumuree jira. Baruumsa sadarkaa itti aanu mana barumsaa Leenjisa Barsiisoota Kotobee (Kotobee teachers Training College) seenee 1979tii – 1980tti baratee diplomaa barsiisaatiin eebbifame. Achiis hojii Ministeera Barumsaa Kan Itoophiyaa (Ministry of Education, Ethiopia) seenee kutaa Bale, Oromyaa keesatti Waggaa sadiif barsiisee jira.
Sana booda carraa barumsaa (scholarship) dorgamee argateen (Moscow State University)tti baratee digrii (MA) argachuun eebbifame.
Erga Biyya Britaniyaa (UK ) galees baruumsa ola’aanaa itti fufuun (Institute of Education, University of London) seenee (MA)dhaan eebbifamee jira. Itti aansees (London Borough of Camden) seenee waggaa digdamaa oliif Fooyinsa nmana barumsaa fi mar’achiisaa garee adda addaa (School Improvement and Group Consultant) ta’uun hojjatee jira. Obbo Warqinaan mana baruumsaa fi hawaasa (London Borough of Camden) keessatti nama kabajamaa fi jaallatamaa ture.
Obbo Warqinaan yeroo duula Waliin Guddinaa (Idget Behibret) saba isaaf bu’aa guddaa buuseera. Awrophaattis sochii Tokkummaa Barattoota Oromoo Awuroopaa kessatti wal’aansoo abbaa biyyumaa Oromoof deemaa ture keessatti gahee yaadatamu qabaachaa ture. Hawaasa Oromoo UK ijaaruu fi jabeessuu kessattis akka miseensaattis akka hoganaa ta’ees tajaajila hinirraanfatamne kenneera.
Obbo warqinaan walqixummaa, waldandeetti fi mirga hawaasaatti nama guutuutti amanu ta’uu ijoollummaa isaa irraa kaasee jiruun mirkannessa. Kanaafis miidhaa, ajjeecha, saamichaa fi dararama bifa adda addaa lammii keenya irratti raawwatamu mormeera, ifattis bifa adda addaatiin dura dhaabbateera.
Obbo Warkinaan nama kennaa waliigaltee, jaalala fi hubannaa nama qabu ta’uu firaa fi halagaatu beeka. Obbo Warqinaan hojii isaatii fi jaalala maatii isaa waliin madaalee nama geggeessaa turedha.
Dhukuba kanseriitiin qabamee waldhaannamaa turee Caamsaa 13, 2019 boqoteera. Hiriyyaa fi obboleessa jabaa kan walqixummaa sabaaf cimee qabsawaa ture dhabu keenyaaf gadda jabaatu nutti dhagahama.
Obbo Warqinaan haadha warraa isaaa Aadde Asteer Belaay, ilma isaa Yadataa fi intala isaa Anna biraa godaanee jira.
Lubbuun isaa nagaa bara baraa ha argattu!