Asteer Belay
Dura teessuu
Ani Warqinee wajjin kanan wal bare walakkeessa bara sagaltamoota keessa karaa Hawwaasa Oromoo magaalaa Londoon ture. Wal barumsi keenyas bara 2005 keessa waliin gaa’ila akka dhaabbannuuf akkasumas ilma keenya Yaadataa bara 2006 keessa akka argannuuf nu milkeesse.
Hangan isa beekutti, abjuun Warqinee sooruma isaa booda bakka dhalatee itti guddateetti mana barumsaa ijaaruu ture. Sababni isaas qabsoo mana barumsaa daqee galuuf isa mudataa ture waan beekuuf. Hojii isaa waggoota 24f Barnoota Kaamdeeniif hojjetaa ture keessatti, hawwaasa Kamdeen fi baqattoota achi jiraatan nuffii tokko malee tajaajiluun jireenya jiraattota Kamden baayyee karaa barumsaatiin deggeraa turuun isaa yaadannoo isaa ta’ee hafee jira.
Kanaafuu abjuu Warqineen qaba ture sana hojiitti hiikuuf Dhaabbata Barumsa Warqinee Dachaasaa hundeessiineerra. Kanaanis barattootni naannoo bakka dhaloota isaatti dhalatan carraa mana barumsaa tasgabbiin keessatti baratan akka argatan dhugoomsuudha.
Feyissa Damee
Qabaa maallaqaa
Ani angahoota, qaamolee bulchiisaa akkasumas manneen barnootaa Londoon keessa jiran wajjin waggoota 27 oliif ballinaan hojjetaan ture. Warqinee wajjinis yeroo inni Barumsa Kaamdeen keessaa hojjetaa turetti barumsa gartuulee moggeeffamanii fooyyeessuu irratti walitti dhiheenyaan hojjetaa turre.
Warqineen hiriyyaa koo kan natti dhihoot; waggoota 30 oliifan isa beeka. Hawwiin isaa bakka irraa dhufe keessatti mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa dhaabee ijoollee barachuuf haalli hin mijanneef gargaaree barsiisuu ture. Anis Dhaabbata Barumsa Warqinee Dachaasaa kanatti wanti ani dabalameef, dhaabbata kana gargaaree ijoollee rakkina adda addaatiin carraa barrumsaa dhaban akka baratan gargaaruudhaan akkasumas ittin isa yaadachuuf.
Kaayyoo dhaabbata kanaa, mana barusaa sadarkaa tokkoffaa bakka dhaloota Warqinee, Gudar- Oromiyyaa, Itiyoophiyyaa keessatti yaadannoo isaatiif ijaaree tajaajila akka kennu amantaa cimaan irraa qaba.
Siobhan Crawley
I/A dura teessuu
Warqinee wajjin barumsa dabalataa, afaan dhalootaa fi gosoota barnoota bu’uraa irratti xiyyeeffachuun al-idileen hawwaasa bal’aa Kaamden keessa jiraatuuf dhiyeessuun hojjetaa turre.
Amma ani karooraa fi raawwii ijaarsa mana barumsaa inni hawwaasa isaa Oromiyyaa jiraanif ijaaruuf fedhaa ture keessatti hirmaachuun Warqinee yaadachuun fedha.
Yeroon isa wajjiin hojjetaa turetti akka hiriyyaattis isa baruun jalqabe. Fedhii guddaa inni ijoollee baratan gargaaruu irratti qabu, nan dadhabe osoo hin jedhin waan hojjettuuf hamilee kan namatti horu ture.
Brian Foster
Barreessaa
Bara 1992 kaasee Warqinee wajjin akka hiriyyaati Waajjira Barumsa Kaamden keessaa waliin hojjetaa turre. Hanga bara 2011, sooruma ba’eetti itti gaafatama fudhadhee hawwaasa Jiipsotaa, Roomaa, akkasumas godaantotaa gandoota magaalaa Londoon keessa jiraatan carraa barumsaa akka argatan taasisuu irratti hojjetaan ture.
Anaa fi Warqinee danqaa wal fakkaataan waan nu mudateef mala mirgoota waloo fayyadamnee hojii keenya hojjenne. Kanaanis, ani gorsaa barnootaa kan hawwaasa Roomaa, Rippabilikii Cheekii, Seerbiyaa, fi Yukreen of keessatti hammaten ta’en hojjetaa ture.
Ani dhaabbattoota biroo tola oolmaaf dhaabbatan lama keessaa akka qaama hoggansaattan hojjetaa jira. Akkasumas, bulchaa mana barumsa sadarkaa tokkoffaa Haringee ta’een hojjetaa jira. Biskileetti hoofuu, bishaan daakuu fi saroota ko wajjin adeemuun jaalladha.
Teferi Degeneh
Torban inni Moskoow irraa dhufe keesa gara jalqaba bara kudha sagal sagaltamoota keessa iddoo duraan Institiyuushinii Barnootaa kan amma Kollejjii Yuuniversitii Londoon jedhamuutti wal arginee wal barre. Yeroo walin haasa’uu eegallutti inni obboleessa koo kan Moskoow jiraatu, animmoo obbolleessaa isaa kan lubbuun hin jirre tokko Bahirdaritti akkan beeku walitti himne.
Yeroo sanaa kaasnee hiriyyaa walitti dhihoo waliif taanee, wajjiniin yeroo qabaachaa, akka hawwaasattis walitti dhufaa ture hanga inni yeroo malee nu biraa boqotuutti.
Dhaabbata Barnoota Warqinee keessatti qooda fudhachuun koo anaaf kabajaa fi carraa guddaadha. Fedhii fi hawwiin Warqinee akka walii galaatti hawwaasa keessatti jijjirama fiduu fi hawwaasa Oromoo keessaa dhalateef, Gudara, Oromiyaa keessa jiraataniif barumsa qulqulina qabuu qaqqabsiisuu ture.
Mulunee Olii
Ani barnoota digirii addaa addaa yuuniversitoota garaagaraa irraa , akkasumas damee banoota Ingineera Eeroonootikaalaatiin digirii sadaffaa ykn PhD argadheen jira. Dhaabbilee barnoota ol-aanoo kanneen akka yuuniversitootaa, kan mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa keessaa hojjedhee mooxannoo argadheera. Yeroo ammaa kanattis Institiyuutii Innovation fi Teeknooloojii Dijitaalaa Awurooppaa keessan hojjetaa jira.
Warqinee wajjin ijoollummaa keenya mana barnoota Gudar-Ambooti kaasnee wal beekna. Haa ta’u malee yeroo hundarra caalaa hoteela tokko kireeffannee, konkolaataa tokko waliin kireeffanne yeroo darbe guyyoota muraasa Miniyaapoolisitti kan waliin dabarsine yaadannoo yeroo dhihoot. Yeroo waliin turreettis waan baayyeerratti akka waliin dubbannuuf carraa nuuf laateera. Isa boodallee yeroo luubbuun jirutti biyya Oromiyyaa deemee bilbilaan yeroon wajjin dubbannu nan yaadadha. Warqineen nama maatii isaa(Giiftii) fi hojii isaa haalan jaallatuu fi nama waan yaade fuuldaratti dubbachuu jaallatuudha. Bakka dhaloota isaatti mana barumsaa ijaaruudhaan abjuu isaa galmaan ga’uu keessatti qooda fudhachuu kootin yoo milkaa’ee anaaf carraa guddaadha.
Gosayee Fidaa
Anaa fi Warqinee bona bara 1993 keessa, nama Oromoo nu lamaaniif hiriyyaa keenya kan ta’ee fi isa wajjin mana tokko keessa jiraataa turanittu wal nu barsiise.
Warqineen yeroo hundaa carraa barumsaa ijoolleef uumuuf kan tattafatuu fi ijoollee Oromoo kanneen barachuuf haalli hin mijanneef carraa barumsaa akka argatan taasisuun hawwii fi fedhii inni jireenya isaa keessatti qabu ture. Dhaabbata maqaa isaatiin hundeeffame kana keessatti hirmaachuun koos hawwii isaa sun dhugoomee arguudha.
Yooma haalli Oromiyaa keessa jiru yeroof hin tasgabboofne illee, Dhaabatni Barumsa Warqinee yeroo gababaa keessatti dhaabbatee hojii isaa akka hojjetu amantaa guutuun qaba.
Girma Gebresenbet
Ani Yuuniversitii Saayinsii Qonnaa biyya Iswiidin keessatti profeesara ta’en hojjetaa jira.
Warqinee ijoollummaa keeseen beeka. Nuti ijoollee naannoo tokkooti, lameen keenya iyyuu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Gudarii fi Ambootti baranne.
Proojektii kana keessatti hirmaachuuf wanti na kakkase abjuu Warqineen daa’imman Oromiyaa keessa jiran karaa barumsaa gargaaruuf qabu milkeessuuf. Namoonni as keessatti hirmaatan jabatani waliin waan hojjetaniif fedhiin fi hawwiin Warqinee galma ni ga’a jedheen amana.
Addisalem Dheeressaa
Yeroo jalqabaatiif Warqinee kanan bare bara 1995 keessa yommuu ta’u, yeroo sanatti innis hawwaasa Oromoo biyya UK keessa jiraatan jabeesssuuf si’aa’inaan hirmaataa ture. Yeroo sanaa eegallee hiriyyaa gaarii turre.
Warqineen nama barumsatti amanuudha. Akka dubartii Oromoo tokkotti barnoota ko sadarkaa ol-aanaatti milkaa’uu kootiif akkasumas ogummaan baradheen lammii biyya UK tajaajiluu danda’uu kiyyaaf ni ajaayibsiifata, ni kabajas ture.
Bara 2015 keessa Waldaa Dubartoota Oromoo (WDO UK) akka dhaabbata tola oolmaatti Komishinii Chaaritii biratti akkataa itti galmeessu irratti na deggeraa fi gorsaa ture. Warqineen qophii diinagdee walitti qabuu WDOn qophaa’e irratti argamuun tapha aadaa Oromoo bakka dhaloota isaatti taphatamu nuuf taphateera.
Dhaabbata barnoota Warqinee keessatti hirmaachuu koo namoota rakkatan gargaaruudhaan abjuu isaa milkeessee jiraaachisuufidha.
Baqqanaa Iddoosaa
Baqqaanaan digirii tokkoffaa (BA) damee barumsa Ikkonomiksiitiin Yuuniversitii Addis Ababaa irraa bara 1983 erga eebbifamee booda Ministeera Geejibaa fi Kominikeshinii Itoophiyaaf hojjetaa ture. Bara 1988 keessa karaa Federeshiinii Daandii Idil-Addunyaatiin Felooshiippii argatee digirii lammaffaa(MA) Tiranspoorteeshin biyya USA deeme achumaanis Akkawontingii barachuun sertifiketii argate. Baqqaanan bara 1997 irraa kaasee biyya USA keessatti qaama seera baasuuf akka oditeraatti hojjetaa jira.
Gara dhuma bara torbaatamoota keessa Warqinee fi Baqqaanaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Amboo irraa eegalani hiriyyoota turan. Yeroo biyya Itoophiyaa irraa biyyoota addaa addaatti godaanan illee wal quunnamtiin isaanii addan citee hin beeku. Darbee darbees qaaman wal argu turan. Bara 2004 keessa yeroo Bakkaanaan cidha gaa’ela isaatii raawwate Warqineen waayillan isaa keessaa isa tokko ture.
Fiqaaduu Ababbee
Anaa fi Warqineen mana barumsaa sadarkaa ol-aanaa Ambootti wajjin baranne, yeroos ani isa waggaa tokkon dursan ture. Ganna bara 1977 kaasnee hiriyyaa walitti dhihoo turre. Waggoota hanga kana, Warqinee nama samuu banamaa, iftoominaan kan dubbatu, amanamaa, fi nama fala biraa argatan ta’uu isaan beeka. Amboo keessaa fi Amboo alatti namoota Bulchiisa Humna Waraanaa Abbaa-hirree dura dhaabbachuun falmaa turan muraasa keessaa tokko ture. Gama biraatiin, ilaalchi inni namoota qabu yeroo hundaa jaalalaa fi hiriyyummaadha.
Michael Hawkins
Jalqabaaf Warqina bara 1994 London irrattin arge. Warqina wajjin ijoolle warra isaanii malee baqataa tahanii mana barnootaa magaalaa London, Kamden keessatti galmahaan gargaaraa turre. Gaafa wal-arginee eeggalles hiriyaa taane.
Hojiin koo ijooleen mana barnoota biyya Inglisii jirani akka isaan barumsatti jabaatan gargaaruu dha. Barsistoota lenjesuunis hojii kooti.
Hawwii Worqina fiixaani baasuufi waanta naaf danda’ame hundaa gochuun barbaada. Kunis kabaja hiriyaa jaal’atama ta’uusa malee, ijoolleen Oromoo akka barumsa isaanif tahu godha danda’a jedheen abdadha.