Hawwiin Keenya

Hawwiin Waltajjii Barumsa Warqinaa Dachaasaa carraa mana barumsaa ijoollee baadiyyaa Oromiya keessa jiraataniif bal’isuudha. 

Heera Waltajjii Barumsaa Warqinaa Dachaasaa (WADA)

Warqinaan Gudar itti bara 1960 dhalate. Innis maatii bal’aa keessaa waan dhalateef obbolaa saddetti qaba ture. Mana barumsaa achuma lafa dhalateetti jalqabee, Amboo itti moo sadarkaa lammaffa xumuruun leenjii barsiisummaa fudhachuuf Kotobe kollejji gale. Achii bahees barsiisaa tahee wagga lamaaf Baalee, Oromiyaa, kessatii hojjete. Achiis barmsa isa itti fufufi Moscow deeme. Digrii lammaaffa edda argatee booda Moscowdha gara London dhaqe. Ammas digrii lammaffa baratee magaala London keessattii gorsaa barmootaa ta’uudhaan waggaa dheeraaf aanaa Kamden jedhamuufi osoo hojjeetuu yeroo malee bara 2019 itti boqote.

Hawwiin Warqinaa mana barmsaa kan jalqabaa lafa maatii isaa irratti ijaaree ijoollee naannawaa sanaa gargaaruuhaafi ture. Warqinaan haawwiisaa kana utuu iddoon hingahiin yeeroo malee yoo boqootee iyuu, maatiinsaa Addee Aster fi mucaansaa Yaadaataan, akkasumasii hiriyoonni fi firoonni isaa of gurmeesaanii haawwiisaa iddoon gahuufi ka’anii jiru. Worqinaani nama gaarii, jaala’tama fi hojii isaatti cimaa akka ture warrii isa beeku hundi ragaa bahu. Dhaaba Barumsaa Warqinaa Dachaasaa biyya Inglisiitii Muddee 2020 seeraan dhaabbattee jira.